Sunday, February 23, 2014

Duraan dursee nagaan koo kan oromummaa qilleensa irraan bakka jirtan maratti isin haa dhaqqabu kabajamtoota sabboontota ilmaan oromoo hundi akkam jirtu nagaa keessaanii jedhee nagaa koo gabaabduu kana ergan isin biraan gahee booddee itti aansudhaan gara marsaa bakkalcha bariisaa kanatti baga nagaan dhuftan galatoomaa jechuudhaan marsaa kana daawwachuu keessaniif galatoomaa jenna.itti aansudhaan marsaan bakkalcha bariisaa akkuma marsaalee oromoo warra gara biraatti dhimma oromoo irratti gadi fageenyaan kan hojjatu ta'uu isaa isiniif ibsuudhaan deeggarsa guddaa fii hawwiin ani oromia media network wajjin walitti hidhataan hojjachuun tarii waan gaarii of keessaa qabaachun isaa hin hafu kan jedhuun sarara marsaa irratti hirmaachudhaan kan wajjin hojjannu ta'uus itti dabalee hubachiisuun barbaada.

Egaa maayyii irratti waantin jechuu barbaaduammaan dura alagaan hukkaamamnee hafuurri keenya dhokachuudhaan mirga abbaa biyyummaa keenyaa sarbamnee yeroo dheeraa biyyuma irratti dhalannee irratti guddanne irratti lammii lammaffaa taanee jiraachaa turuudhaan isumayyuu lammii lammaffaa sanallee taanee jiraachuun danqaa cimaa waan nutti ta'eef biyya keenya irraa mancaanee biyya ormaa keessatti koolu-galtummaan kadhattuu fakkaannee jiraachaa turre ammas jiraachaa jirra.Haata'u malee harra sababa adda addaatin qabsoon keenya bifa dhabee kan bakkuma jirutti deemaa ture bakkaan gahuu fii gara fuula duraatti tarkaanfachiisuf qabsoon dargaggoon oromoo yeroo ammaa geggeessaa jira kan abdii guutuu qabu keessumatti erga Iam oromo frist jedhamee booddee alagaan ciisa dhabdee wixxifataa kan jirtu nuuf ammoo milkaawina guddaa nuuf ta'uudhaan qabsoon bilisummaa oromoo yeroo ammaa jalqaba kununfachiisummaa irratti xiyyeeffatee hojjachaa kan jirus akkasumatti fuula duraaf ummatni oromoo abdii fii wabii guddaa argachuu isaa irratti gammachuu isaa karaa addaa addaatin labsachaa jira.

No comments:

Post a Comment