Galateeffannaa

Duraan dursee nagaan koo kan oromummaa 
qilleensa irraan bakka jirtan maratti isin haa dhaqqabu,kabajamtoota sabboontota ilmaan oromoo hundaaf akkam jirtu jechuudhaan nagaa koo kan oromummaa ergan dhaammadhee booddeeb gara mata duree barreeffama kiyyaa galateeffannatti yennaan deebi'u barreeffamni kiyyas kan inni irratti xiyyeeffate tokkummaa fii milkaawina haala yeroo ammaa kana yommuu ta'u waggoota dheeraa shira diinotni keenya nu jidduutti huumaniin haalli milkaawina walii galtee oromoo gara fuunduraatti tarkaanfachuu dadhabee bakkuma jirutti miila tokkoon deemaa ture.kunis bilisummaa tokkummaa keenyan goonfannu irratti hanqina huumuu irraa kan ka'een biyyuma keenya irratti lammii lammaffaa taanee jiraachuuf dirqamne.lammii lammaffaayyuu taanee jiraachun yeroo danqaa ta'e keessatti biyya keenya irraa mancaanee godinaalee addunyaa hunda keessa bittinuudhaan koolu-galtummaan jiraachuu kan nu mudachiise keessaa sababbiin inni guddaan kana irratti kan xiyyeeffate ture.

Egaa as gubbaatti kanan galatoomsachuu barbaade yeroo ammaa caayaa tokko jalatti mataa walitti qabachaa jiraachuu fii sabboontota daangaa hin qabne horachuu akkasumattis bu'aa qabsoo bilisummaa keenyaa keessatti jajjaboo sabaa fii warra hawwii bilisummaa guutuu qabu horannee karaa kaleessa goototni oromoo dhiigan taraaranii darban irratti waamicha godhame fudhannee kaayyoo goototaa galmaan gahuuf haallii fii tarsimoon siyaasaa yeroo ammaa jijjiiramaan argamaa jiru fuula duraaf bu'aa qabeessa akkasumas seenaa qulqulluu dhaloota boruu dhaalchisuu ilaallatee haalli ammaa geggeeffamaa jiru dinqisiisaa ta'uu isaatif galateeffannaa koo gurra saba oromoo dhaqqabsiifachuun barbaada.

I am oromo frist jecha jedhuun sagantaan jalqabame nuuf akka tokkoomnu kan nu godhe yommuu ta'u warra habashaa garuu tuffii fii sodaa gurguddaa isaan keessatti huume.nuuf garuu karaa dhokataa hunda kan nuuf bane yennaa ta'u.tuffii isaan qaban keessaa eessayyuu hin gahan,ammuama akkuma duraanii wal qooduu jalqabu kan jedhu yommuu ta'u sodaan isaan nuuf qaban ammoo karoorri amma oromoo fristiin jalqabame haala kanaan kan itti fufu yoo ta'eef egeree ethiopatif sodaachisaadha kan jedhamu yeroo hunda irra deddeebi'anii marsaa isaanii irratti barreessaa jiru.egaa isaa computer isaanii duuba taa'anii waan barbaadan yoo barreessaniyyuu kaayyoon keenya kana booddee kan bittinnaawu kan qoodamu,kan kan galma hin geenyes akka hin taanes hubatameera.

Haala kana irraa ka'uudhaan gammaachuu koo kan daangaa hin qabne kana kophaa koo gammadduu bira darbee gurra saba baldhaa oromoo biraan gahachuun dirqama waan natti ta'eef mata duree galateeffannaa jedhu jalatti yaada gabaabaa kana maxxanfadheera.kanuma wajjin wal qabsiisee waantin jechuu barbaadu cicha qabsoo geggeeffamaa tureen bu'aa kana arganneerra waan ta'eef gammadneerra baga gammaddan.

No comments:

Post a Comment