Sunday, March 2, 2014

Bakkalcha Bilisummaa Akkawaaq Jaalataatin

Duraan dursee nagaan koo kan oromummaa qilleensa irraan 
bakka jirtan maratti isin haa dhaqqabu kabajamtoota sabboontota ilmaan oromoo hundaf nagaa koo kan oromumma ergan dhaammadhee booddee nagaa koo gabaabduu kanatti aansee yaada gabaabaan ani barreessuu barbaadu asiin gaditti kan argamu ta'a.innis seenaa marsaa bakkalcha bilisummaa tuquudhaan itti aansee xiyyeeffannaan koo oromia media network kan qabsoo ciminaan argame irrattis yaada tokko tokko tuqee bira darbuun barbaada.



Egaa marsaan kun kan maqaa isaa asiin olitti argitan kun bakkalcha bilisummaa akkuma marsaalee oromoo warra gara biraatti dhimma oromoo irratti hojjachuuf kan karoorfate yennaa ta'u karoorri isaas marsaalee oromoo hunda irraa kan adda ta'e miti.marsaalee oromoo hunda wajjin walitti hidhataan kan hojjatuu fii hojjachuufis qophii isaa bakkaan gahaa jiraachuu isaa asumaan wal qabachiisee ergan hangana tuttuqee booddee gara marsaa isa itti aanutti otoon hin darbin dura marsaa kana daawwachuu keessaniif isin galateeffachaa ammas galatoomaa jechuun barbaada.




Oromia media network irrattis yaada gabaabaa tokko tuqee bira darbuu akkan barbaadus seensa barreeffama kiyyaa irratti kanan barreesse yennaa ta'u yaada gabaabaan ani qabu marsaan kun jechuun kan oromia media network kun akka salphaatti kan hin argamnee fii cicha qabsoo cimaatin yeroo ammaa gahee fuula ummata oromoo duratti dhiyaachuu isaatif akkasumattis yeroo ammaa kana hojii xixiqqaa jalqabuudhaan wareegama cimaadhan argamuu isaas ummata oromoo biratti ragaa guddaa ta'uun isaa anas ta'ee oromoota maraaf gammachuu guddaa ta'uu isaa galateeffachuun barbaada.




Kuni kanumaan otoo jiruu I am oromo frist jechi jedhame yeroo ammaa tokkummaan oromoo gulantaa tokko jalatti akka wal gahu taasisuu bira darbee habashoota warra yeroo dheeraa ciisa nuuf dhabaniif sodaa guddaa ta'ee argameera.egaa fuula duraaf abdii ummata oromoo kan ta'e oromia media network oromootaf tokkummaa kan uume yennaa ta'u warra habashaa keessatti garuu sodaa fii hinaaffaa isaan keessatti uumee darbe.






No comments:

Post a Comment